Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) - oromo

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Oromo Liberation Front (OLF)
Lakk/NO. ABO/001/2016
Guyyaa: 02/21/2016
IBSA GUMII SABAA ABO
Hoogganoota Ol'aanoo ABO Gadaa Darbee fi Kanneen Qondaalota Dhaabaa Sadarkaa Adda Addaa Irra
Turan ABO-tti Makaman:
Dhaabni keenna ABOn, falmaa qabsoo kan diina waliin godhamu jabinaan irra aanuuf, tokkummaa qabsaawotaa fi
mooraa qabsoo ABO kan sababaalee adda addaatiin haphatte deebisee jabeessuuf, akeeka kana hujii duraa godhatee
garaa kutannoon irratti hojjataa ture; ammas itti jira. Haga akeekni kun dhugoomee mooraan dhaaba keennaa bakkatti
deebituu fi jabaatutti tattaafiin kun ittuma fufee hojjatama.
Akkuma beekamu dhaabni ABO qabsoo bara dheeraa gochaa ture keessatti, qabsaawonni dhaaba kanaa tokkummaan,
jaalalaan, walii yaaduu fi hafuura jaallummaatiin akka waliin qabsaawaa turan beekamadha. Haa ta’u malee, baroota
kurna lamaan irra as dabarre kana sababaalee adda addaatiin gurmuun qabsaawota mooraa ABO haphataa fi faca'aa
dhufuun waanuma dirreetti mul'atuu fi nama yaachisuudha. Ta'uus, haala faca'iinsaa fi haphatinsa mooraa kanaa irra
aanuuf, akkasumaas tokkummaa fi humna miseensotaa cimsuuf hujiileen haga yoonaa hojjatamee fi milkiin irraa
argamees boonsaa fi abdachiisaadha.
Walgahii GS Gurraandhala 14, 2016 godhame irratti; Hoogganoonni Gumii Sabaa ABO (kanneen yeroo ammaa hujii
dhaabaa irra jiran) irratti; miseensonni ABO kanneen qaama hooggana gadaa dabree (Gumii Sabaa fi Shanee-Gumii),
akkasuma qondaalonnii fi ajajoonni sadarkaa adda addaatti gaafatama hujii dhaabaa irra turan, miseensonni ajajoota
WBO hedduu fi Miseensonni Gammeeyyiin ABO walgahicha kana irratti argamuun dhaaba isaanii ABO-tti deebi'uu fi
qooda qabsoo kan irraa eeggamu bahachuuf qophii ta'uu isaanii walgahicha duratti mirkanneessan. Hoogganoonni,
qondaalonni fi miseensonni kun, kanneen yeroo dheeraaf dhaaba ABO keessatti qabsaawuun wareega qaalii umrii isaanii
guutuu qabsoo kanaaf baasan waan ta'aniif, ar'allee dhaabaa fi qabsoo keessatti deebi'anii wareega barbaachisu baasuuf
qophii ta'uun isaanii kun nuu fi ummata keennaafillee injifannoo guddaa fi kan nu boonsu ta'ee argama.
Kanuma waliin haalli falmii abbaa biyyummaa kan yeroo ammaa Oromiyaa keessatti deemuu fi wareegni qaaliin ilmaan
keennaan baafamaa jiru kun kan nama teessisuu fi usaniituma hidhii xuuxxatan osoo hin taane, kan itti dirmatanii fi
dirqama lammummaa bahatan waan ta'eef, sochii kana maddii dhaabbachuuf mooraan ABO tokkoomuu fi jabaachuu
qaba. Isa kana dhugoomsuuf ammoo qoodni qabsaawotaa fi ummata Oromoo murteessaa waan ta'eef akka dhaabaa fi
qabsoo keessanitti dirmattan yaaminsa itti aanu kana qabsaawota Oromoo fi ummata Oromotiif goona.
Qabsaawota Oromoof
Jaallan; miseensonni, qondaalonnii fi hoogganoonni ABO, kanneen qabsoo bilisummaa Oromoof godhamu keessatti
waliin hirmaanee falmaa yeroo dheeraa irratti dabarsine, kan sababaalee adda addaatiin dhaaba keessaa baatan, kan
dhaaba keessan ABO fi qabsoo ummata Oromoo osoo jaalatin dirqamtanii waan gootan dhabuun mana keessanitti
deebitanii taa'aa jirtan, akkasumaas, Qabsaawota Oromoo walii galatti yaaminsa lammummaa ABOn isiniif goona.
Miseensonni, Qondaalonni fi Hoogganoonni ABO yeroon dhaabaa fi qabsoo keessanitti deebitanii ummata keessaniif
dirmattan gahee jira. Kanaafuu dhaaba keessanitti deebitanii qooda akka lammummaa fi qabsaawotaatti isin irraa
eeggamuu akka gumaachitanii fi waliin qabsoofnu irra deebi'ee dhaabni keessan ABOn yaaminsa kabajaa fi ulfinaa
isiniif godha.
Ummata Oromoof
Yaa ummata Oromoo, haala diinni keenna gara-laafina tokko malee ilmaan keennaa qacalee mirga isaanii harka duwwaa
falmataa jiran irratti rasaasaa roobsaa jiru, kan ”kuni daa'ima, dubartii, maanguddoo, dadhabaa fi dhukkubsataadha
dhiisaa” osoo hin jenne hunda walitti qabee akka nama dirree lolaa irra jirutti duguuga sanyii irratti raawwaataa jiru kana
argaa fi dhagahaa jirta. Kanaafuu ustee hin taa'inii ka'i! Yeroon yeroo taa'aanii qabsoo wal irratti ilaalan waan hin ta'iniif
akka waan dandeettuun qabsoo kee maddii dhaabbatuu fi jajjabeessitu dhaabni keenna ABOn yaaminsa ulfinaa siif
godhaa itti dirmadhu.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Gumii Sabaa ABO